Fana: At a Speed of Life!

Marii itti fufaan ce’umsa Inarjii eegalame

Finfinnee, Hagayya 29, 2012 (FBC) – Ce’umsa Inarjii ilaalchisee mariin itti fufiinsan mari’atamu eegalamuu Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii beeksise.
 
Mata duree ‘Waltajjii sosochii qabeenya qilleensaa hanga ce’umsa anniisaa magariisaa deebisanii dandamachiisuun akkamiin danda’ama’ jedhuun mariin Hagayya 28, 2012 – Fulbaana 6, 2013tti turu gaggeeffamu eegalameera.
 
Mariin gaggeeffamaa jiru kun wayita Roobni haala hin baramneen biyyoota Baha Afrikaatti roobuun lolaan miidhaa guddaa qaqqabsiisaa jirutti ta’uu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallasii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ibsaniiru.
Dooktar Injiinar Silashiin, yeroon kun yeroo hoo’inni addunyaa haalan dabaluun qabeenyi uummamaa saffisaan manca’aa dhufe ta’uu eeraniiru.
 
Jijjiirramni qabeenya qilleensaa jireenya namaa fi naannoorratti dhiibbaan uumaa jiru daraan dabalaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Dhiibbaa ga’aa jiru dandamachuuf maddoota damee Inarjii saffisaan gara anniisaa haaroomuutti jijjiiruun fala duraat jedhan.
 
Dhaabbanni mootummoota gamtoomanis damee kanarratti hojjetaa jiraachuu eeran.
 
Ityoophiyaa fi Deenmaark walta’iinsaan ce’umsa anniisaa haala fooyya’aan raawwataa jiraachuu Ministirichi dubbataniiru.
 
Yaa ta’uutii weerarri vaayrasii koroonaa Ityoophiyaattis ta’ee akka idila addunyaatti hojiilee ce’umsa anniisaa mirkaneessuuf hojjetamurratti gufuu ta’eera jedhan.
 
Mariin guyyaa kaleessaa eegalame kunis ce’umsa Inarjii irratti muuxxannoo jiran, rakkoolee quunnaman, carraa gaarii jiruu fi jijjiirrama argamerrati gadi fageenyaan kan mari’atu ta’a jedhame.
 
Keessttuu waltajjii hogganumaa barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummaata Gamtooniin tarkaaffii jijjiirra qabeenya uummamaa irratti fudhamuu qaban ilaalchisee gaggeeffamee hanga ammattii jijjiirrama gama anniisaa ce’umsaan jiruu fi tarkaaffii gara fuuladurraatti gadi fageenyaan mari’atama jedhame.
waltajjichi weerara vaayrasii koroonaa gamaaggamuu fi haalawwan ce’umsa anniisaa mikaneessuuf dandeessisan ilaalchisee kallattii kaa’a jedhamee kan eeggamu ta’uu ragaan Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjiirraa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.