Fana: At a Speed of Life!

Mariin Hidha Haaromsaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts gaggeessaa turan xumurame

Finfinnee, Amajjii 7, 2012 (FBC) – Mariin Hidha Haaromsaarratti Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts gidduutti gaggeeffamaa ture bu’aa gaariin xumuramuun ibsame.

Jilli ministiroota bishaanii fi ministiroota dhimma alaa Ityoophiyaa, Sudaan fi Gibts Hidha Haaromsaa Ityoophiyaarratti baatii Faranjoota Amajjii 13 hanga 15, 2020 Waashiintan Diisiitti mariin gaggeessaa turan bu’aa gaariin xumuramuu Ameerikaatti Imbaasiin Ityoophiyaa ibseera.

Marichi kan gaggeeffame bakka ministirri Maallaqaa Ameerikaa Istevan Munshiinii fi preezdaantiin Baankii Addunyaa Deeviid Maalpas argamanittidha.

Hidhi Haaromsaa waqtii roobaa keessa ji’oota Adoolessaa fi Hagayyaa keessa akka guutamuu qabutti waliigalameera.

Guutinsi jalqabaa hatattamaan hanga meetira 595 gahutti kan gaggeeffamu ta’uun waliigalameera.

Kun ammoo humna ibsaa gamanumaan maddisiisuu akka danda’uufidha.

Haata’u malee, waliigalteen dhumaa kan mallattaa’u baatii Faranjootaa Amajji 28-29,2020tti Waashingitan, Ameerikaatti jedhame.

Waliigalteen giddu galeessummaa ministira Maallaqaa Ameerikaa fi prezedaantii Baankii Addunyaan gaggeeffamaa ture fedhii Itoophiyaan dursite humna elektiriikaa maddisiifachuuf barbaaddu ilaalcha keessa kan galchedha.

Haata’uutii, yoo waqtiin gogiinsaa biyyoota Gibtsii fi Sudaan keessatti kan dheeratuu fi hammaatu ta’e garuu tarkaanfiiwwan rakkoon kun ittiin dandamachuu dand’an kaa’amaniiru.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.