Fana: At a Speed of Life!

Mariin MM Dr Abiy lammiilee Ityoophiyaa waliin taasisan, kallattii bobbii hojiitif murteessadha– Ambaasaaddar Suleeymaan

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2012 (FBC) – Mariin muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad lammiilee Ityoophiyaa waliin Duubaayitti taasisan, kallattii bobbii hojiirratti murteeessadha jedhan Ambaasaaddar Suleeymaan Daddafoon.

Emmireetota Arabaa Gamtoomanitti Ambaasaaddarri guutuu Ityoophiyaa Suleeymaan Daddafoon marichi kallattii bobbii hojii fulduraatif murteessadha jedhan turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin.

Marichi Ityoophiyaan giddugaleessa bahaatti kallatti bobbii hojii hordoftuuf murteessadha jedhan.

Muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa gara Emmireetota Arabaa Gamtoomanitti kan imalan yoo ta’u, turtii isanitiin mirgaa fi fayyadamtummaa Ityoophiyaanotaa kabachiisuurratti marii akka taasisan ni egama.

Ambaasaaddar Suleeymaan turtii bilbilaan Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin, muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad simachuuf qophiin xumuramuu himaniiru.

Guyyaa boruu istaadiyoomii Duubaayitti waltajjiin guddaan ni gaggeeffama kan jedhan yoo ta’u, waltajjii kanarratti lammiileen Ityoophiyaa kuma 15 ol akka hirmaatan ni eegama.

Gaafa Sanbataa waltajjii dubartoonni qofti irratti hirmaatan ni gaggeeffama jedhaniiru.

Silaabbaat Maannaayyeetu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.