Fana: At a Speed of Life!

Mariin Ogeeyyii Humna Eeggataa Afrikaa Bahaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 2, 2015 (FBC)- Mariin Ogeeyyii Humna Eeggataa Afrikaa Bahaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Maricharratti gahumsa sodaa nageenyaa tilmaamamoo fi tilmaamamoo hinta’iin ittisuu fi dhabamsiisuu ijaaruuf kan kaayyeffate ta’uun eerameera.

Dura Taa’aan Humna Eeggataa Baha Afrikaa meejar Jeneraal Tashooma Gammachuu akka ibsanitti, marichi marii baatii Onkoololeessaa darbe Keeniyaa magaalaa Naayiroobiitti taa’ametti kan fufe ta’uu ibsaniiru.

Marii gaggeeffamaa jiru kanaan ejjennoo ogeeyyoota humna eeggataa kanneenii ejjannoo dhaabbatichaa taasisuun qorannoo fi  foyyeessii imaammataa kan taasifamu ta’uu jeneraal Tashoomaan dubbataniiru.

Nageenyaa Baha  Afrikaa akkasumas ardichaa eegsisuufi shororkessummaa fi yakkoota daangaa cee’anirratti duuluuf humni mana maree nageenyaa mataa isaa akka qabaatuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Miniyichil Azzazzawtu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.