Fana: At a Speed of Life!

Mariin qophii wixinee sanada waliigatee hidha haaroomsaarratti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumurame

Finfinnee,Gurraandhala 6, 2012 (FBC) – Mariin qophii wixinee sanada waliigatee haalaa guutinsaa fi gadi lakkifama bishaan hidha haaroomsaa ilaalchisee Waashingitan DCtti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumurame.

Mariin qophii wixinee waliigaltee guyyoota lamaaf haala guutinsaa fi gadi lakkifama bishaan hidha haaroomsaarratti gaggeeffamaa ture osoo guduunfaa hin argatin xumurameera.

Mariin qophii wixinee sanada waliigaltee haala guutinsaa fi gadi lakkifama bishaan hidha haaroomsaa ilaalchisee Ameerikaatti gaggeeffamaa ture marsaa kanaan waliigaltee malee xumuramuu Ameerikaatti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddari Fitsum Aragaa ibsaniiru.

Mariin Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsi gedduutti gaggeeffamaa ture guduunfaa malee xumuramuu isaa Ambaasaaddar Fitsum fuula feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

Ministirri Minsteera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii FDRI Dooktar Injiiner Silashii Baqqalaa torbee kana guyyoota lamaaf qophii wixinee waliigaltee haala guutinsa fi gadi lakkifama bishaan hidha haaroomsaa ogeeyyiin biyyoota sadanii walta’uun qopheessaa jiran gamaaggamuuf gara Ameerikaa Waashingitan DC imaluun isaanii ni yaadatama.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.