Fana: At a Speed of Life!

Mariin sadeenii bifa faayidaa fi mirga biyyooleessaa Ityoophiyaa eegeen gaggeeffama-Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2013 (FBC) – Mariin sadeenii bifa faayidaa fi mirga biyyooleessaa Ityoophiyaa eegeen akka gaggeeffamu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Marii sadeenii kun booruu sa’aatii 3tti gaggeeffama jedhameera.

Marichis Hidha Haaromsaa Guddichaarratti kan xiyyeeffatedha.

Maricharratti ministeeroonni dhimma alaa fi dhimma bishaanii Ityoophiyaa, Sudaan fi Gibtsii akka irratti hirmaatan Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii dubbataniiru.

Adeemsi maricha kallatti hoggantoonni biyyoota sadeenii ka’aaniin kan gaggeeffamu ta’u ibsaniiru.

Marichi akka milkaa’uuf Ityoophiyaan fedhii guddaa akka qabdu ibsaniiru.

Marichi baatii Hagayyaa 22, 2012 viidiyoo konfiraansii erga gaggeeffamee boodaa adda kan cixee yoo ta’uu Fulbaana 4, 2013 akka itti fufuu ibsamuus hanga ammatti osoo hin gaggeefamiin tureera.

Mariin sadeenii adda kan citeef sababa Sudaa fi Gibtsiin ta’uu Ityoophiyaa ifoomsuun ishee ni yaadatama.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.