Fana: At a Speed of Life!

Mariin shoora hayyoota Hidha haaromsaa guddicharratti xiyyeeffate viidiyoo konfiraansiin gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2013 (FBC)- Mariin shoora hayyoota Hidha haaromsaa guddicharratti xiyyeeffate viidiyoo konfiraansiin gaggeeffameera.

Maricha Ministeera Dhimma Alaa, Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo fi Yuunvaarsiitiin Finfinnee waloon qopheessaniiru.

Mariicharratti Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin , Ministirri Ministeera Saayinsii fi Dhabbilee Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel  Hurkatoo, Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injinaar Silashii Baqqalaa akkasumas hoggantoonni hojii yuunvarsiitiiwwan garagaraarra walitti babba’an hirmaataa jiru.

Ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa Ityoophiyaa hordofee dhiibba qaqqaba jiru ittisuuf kan dandeessisuu fi dippiloomaasii diijitaalaa cimsuuf giddugallii dippiloomaasi hawaasa dhabbilee barnoota olaanoo hunda’eera.

Obbo Dammaqaan, giddugalli hundaa’ees dippiloomaati lammiilee hundaati yaadni jedhu cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Gibtsi Ityoophiyaanoonni firii iaanii akka hin argineef ejjeennoo qabatte jirti kan jedhan obbo Dammaaqaan, giddugallii kunis shiraa Gibtsii fi kanneen biroo dandamachuuf hayyoonni barattootaa waliin gurmaa’uuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.

Giddugalichi Ityoophiyaanoota dippiloomaatoota horachuuf shooraa olanaa akka qabu ibsuusaanii ragaan Yuunvarsiitii Dabaarqirra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.