Fana: At a Speed of Life!

Mariin siyaasaa sadarkaa olaanaa dhimmoota daangaa Ityoo-Sudaan 2ffaa Sudaan Kaartuumitti gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Muddee 14, 2013 (FBC) – Mariin siyaasaa sadarkaa olaanaa dhimmoota daangaa Ityoo-Sudaan 2ffaa Sudaan Kaartuumitti guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture xumurame.
Qaamoleen lamaan dhimmoota waloo waqtaawaa naannoo daangaa ilaalchisuun mari’ataniiru.
Maricharratti xumura baatii Onkololeessaa eegalee daangaa naannoo walootti gama Sudaaniin jijjiirramoonni haaraanii fi sosochiin taasiifame waliigaltee kana duraa kan cabse ta’uu ka’eera
Dabalataan dhugaa laffarra jiru kan jijjiiruu ta’uu isaan ariitiin dhaabbachuu fi haala duraatti akka deebi’u Ityoophiyaan hubachiifteerti.
Sababa kanaan miidhaa olaanaa qonnaan bultootaa fi abbootii qabeenyaarra qaqqabe, akkasumas buqqaatiin lammiilee dhimma xiyyeeffannoo keessa galuu qabuu fi saffisaan sirreeffamuu akka qabu yaadachiifteerti.
Marii guyyoota lamaaf taasifamaa ture keessatti garaagarummaan dhimma daangaa waloo kamiiyyuu karaa qaama lamaanuu waliigalchiisuun hiikkamuu akka qabuu fi kallattii gara fuulduraa irratti mari’atameera.
Gama Ityoophiyaan dhimmi daangaa karaa nagaan haala waliigaltee kanaan duraa giddugaleeffateen akka furamuuf koreen dhaabbate hojii isaa irra deebiin hojjechuu akka qabu ibsameera.
Kunis tarsiimoo waloo biyyoota lamaanii fi hariiroo obbolummaa, akkasumas fedhii ummattoota biyyoota lamaanii kan eegsisuu ta’uu akka qabu eerrameera.
Qaamoleen lameen mariin itti aanu yeroo mijateetti magaalaa Finfinneetti gaggeessuuf waliigalaniiru.
Adeemsaa fi bu’aa isaa hoggantootaaf dhiyeessuun kallattii laatamuun maricha itti fufuuf waliigaluun waltajjiin guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture xumurameera.
Waltajjii itti aanuun jijjiirrama naannichaa gamaaggamuun haala koreewwan daangaa hojii isaa itti fufu irratti ni mari’atu jedhamee eeggama.
Jilli itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makkoonnin durfamu Muummee Ministiraa Sudaan Abdallaa Hamdook waliiniis mari’ateera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.