Fana: At a Speed of Life!

Marsaa jalqabaan Itiyoophiyaanonni dhaloota 2ffaan kumni 74 gara biyyaa dhufaniiru-TDI

Finfinnee, Bitootessa 22, 2016 (FBC)-Waamicha taasifame simachuun marsaa jalqabaan Itiyoophiyaanonni dhaloota 2ffaa kumni 74 gara biyyaa dhufuu Tajaajilli Diyaaspooraa Itiyoophiyaa beeksise.

Tajaajilichatti Daayrektarri misooma Hawaasummaa Diyaaspooraa Nabiyyuu Solomoon akka ibsanitti, waamichichi marsaalee sadiitti qoodamuun akka taasifame yaadachiisan.

Marsaa jalqabaan dhalattoonni 2ffaan kuma 74 ol gara biyyaa akka dhufan himan.

Marsaa kanaan dhalattoonni Itiyoophiyaa biyya isaanii akka beekanii fi daawwatan taasisuu himan.

Waamichicha simachuun Itiyoophiyaanonni dhufan hojiilee misoomaa hojjetaman beeksisuu fi daawwachiisuu himan.

Akkasumas biyyasaanii beeksisuutti dabalataan misoomaarratti gahee isaanii bahachuuf qophaa’ummaa isaanii mirkaneessuu, turtiin isaaniis milkaa’aanakka ture ibsuu TOI gabaaseera.

Yeroo ammaas waamichi Itiyoophiyaanota dhaloota 2ffaa eegalamuu eeranii kunis hanga Eebla 30, 2016tti kan turu ta’uu dubbataniiru.

Waamichichi mata duree “Bu’uuraalee Seenaa Beeka” jedhuun gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaanonni seenaa fi hambaalee biyya isaanii akka beekan carraa kan uumuudha jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.