Fana: At a Speed of Life!

meeshaalee qorannoo fi yaalaa tamsa’ina Vaayrasichaa ittisuu taasisaan marsaa jalqabaa Bitooteessa 14, 2012 Sudaan Kaartum ga’e

Finfinnee, Bitootessa 15, 2012 (FBC) – Carraaqqii Afrikaan weerara vaayrasi koroonaa (COVID 19) ittisuuf gootuu deeggaruuf meeshaalee qorannoo fi yaalaa tamsa’ina Vaayrasichaa ittisuu taasisaan marsaa jalqabaa kaleessa Bitooteessa 14, 2012 Sudaan Kaartum ga’e.

Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi abbaan qabeenyaa lammii Chaayinaa Jaak Maa waliin ta’uun carraaqqii Afrikaan weerara vaayrasi koroonaa (COVID 19) ittisuuf gootuu deeggaruuf meeshaalee qorannoo fi yaalaa tamsa’ina Vaayrasichaa ittisuu taasisaan marsaa jalqabaa kaleessa Bitooteessa 14, 2012 Sudaan Kaartum ga’eera.

Meeshaaleen yaalaa kun wayita buufata xiyaaraa Kaartum ga’u Sudaanitti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Shifarraaw Jaarsoo Ministeera Fayyaa Sudaan Dooktar Akraam Atoomiif meshaalee yaalaa kanneen laataniiru.

Dooktar Akraam Atoom wayita wal harkaa fuudhiinsa meeshaalee yaalaa kana taasisan, vaayrasicha ittisuuf yerootti tumsa guddaa gaafatutti Sudaaniif deeggarsi kun ta’uusaa galateeffataniiru.

Deeggarsa taasifameefit mootummaa fi ummata Ityoophiyaa akkasumaas Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad maqaa mootummaa fi ummata Sudaaniin galata dhiyeessaniiru.

Ambaasaaddar Shifarraaw Jaarsoo gama isaaniin iniishiyeetiivi Muumeen Minstira FDRI fudhatan mootummaa fi ummata Ityoophiyaan kan ta’e ummata Sudaanii fi ummata Afrikaa biroof dhimmoota barbaachisoo ta’aniif deebii ariifata barbaaduuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

Haaluma wal fakkatuun deeggarsi meeshaalee yaalaa Eertiraa, Jibuutii, fi biyyoota Afrikaa biroof gama Daandii Qilleensa Ityoophiyaan kan rabsamu ta’uu Ministeerri Alaa FDRI beeksiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.