Fana: At a Speed of Life!

meeshaalee qorannoo fi yaalaa tamsa’ina Vaayrasichaa ittisuu taasisaan marsaa lammaffaan biyyoota garagaraatti rabsame

Finfinnee, Bitootessa 15, 2012 (FBC) –Muummee Ministira Dooktar Abiy Ahimad, Jaak Maan fi Alibaaba Gruup waliin ta’uun Afrikaan weerara vaayrasi koroonaa ittisuuf hojjetaa jirtu deeggaruuf meeshaalee qorannoo fi yaalaa tamsa’ina Vaayrasichaa ittisuu taasisaan marsaa lammaffaan biyyoota garagaraatti rabsame.

Bu’uuruma kanaan Afrikaa Kibbaa, Burundii, Ruwaandaa, Toogoo, Zaambiyaa, Zimbaabuwee, Keeniyaa, Naayjeeriyaa fi Sudaan Kibbaatti ergamu Muummeen Ministira Dooktar Abiy fuula feesbuukiin isaaniin ibsaniiru.

Muummee Ministira Dooktar Abiy Ahimad, Jaak Maan fi Alibaaba Gruup waliin ta’uun Afrikaan weerara vaayrasi koroonaa ittisuuf hojjetaa jirtu deeggaruuf meeshaalee qorannoo fi yaalaa tamsa’ina Vaayrasichaa ittisuu taasisaan marsaan jalqabaa guyyaa kaleessa Sudaan Kaartum galuun isaa ni yaadatama.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.