Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontirobaandii Birrii Miiliyoona 218 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Amajjii 27, 2015 (FBC)- Koomishiniin Gumurukaa Amajjii 19-25, 2015 hordoffii taasiseen meeshaalee kontirobaandii Birrii miiliyoona 218 olitti tilamaamamu to’annoo jala oolchuu beeksise.

Kanneen keessaa meeshaaleen Birrii miiliyoona 156.5 meeshalee galii yoo ta’an, meeshaleen Birrii miiliyoona 62.4 tilamaaman ammoo kontirobaandii ba’ii ta’uun eerameera.

Meeshalee kontirobaandii to’atamanis, uffannaa, qorichoota, boba’aa, beeyladoota dhaabbii, elektirooniksii, buna, albuudaalee, konkolaattota, meeshalee faayaa, meeshaalee waraanaa, jimaa, baala sammuu hadoochu, zayiita nyaataa fi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uun ibsameera.

Meeshaalee kanneen namoonni daddabarsaa turan 14 fi konkolaattonni lama to’atamuunis eerameera.

Tooftaan gocha yakka kontirobaandii fi daldala seeraan alaa jijijjiiramaa ta’uun, gochicha dhaabuu fi dhiibbaa diinagdee biyyaarraan ga’u ittisuuf sochii koomishinichi taasisu qofti gahaa waan hintaaneef hawaasnii fi qaamoleen dhimmichi ilaallatuu hundi gahee isaanii akka bahatan Koomishiniin Gumurukaa waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.