Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 177 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Bitooteessa 11, 2015 (FBC)-Meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 177 olitti tilmaamamu to’atamuu Komishiniin Gumurukaa beeksise.

Komishinichi akka beeksisetti Bitooteessa 1-7, 2015tti hordoffii taasiseen meeshaalee Kontirobaandii galii Birrii miiliyoona 128.5 fi meeshaalee ba’ii Birrii miiliyoona 48.9, walumaagalatti meeshaaleen Birrii 177.8 waajjiraalee damee komishinichaa garaagaraatti to’atamaniiru.

Meeshaalee kunneenis uffannaa, boba’aa, beeyladoota dhaabbii, elektirooniksii, buna, qorichaalee, konkolaattota, meeshaalee faayaa, meeshaalee waraanaa, jimaa, baala sammuu hadoochu, zayiita nyaataa fi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.