Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 355 olitti tilmaamaman to’ataman

Finfinnee, Caamsaa 28, 2015 (FBC) – Caamsaa 18 – 24, 2015tti Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 355 olitti tilmaamaman to’atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksise.

Hordoffii taasifameen meeshaaleen karaa seeraan alaa gara biyya keessaa galuuf ture Birrii miiliyoona 254 baasuu fi kan alatti ba’uuf ture Birrii miiliyoona 101.8 baasu dameewwan Gumrukaa garaagaraatti to’atamuu ibseera.

Uffataaleen, Bo’abaa, Beelladoonni, Meeshaaleen Elektirooniksii, Bunaa, Qorichaalee, Konkolaattoota, meeshaalee waraanaa fi faayaa, Jimaa, Baala Sammuu Hadoochu, Zayinni Nyaata fi maallaqoonni biyyoota garaa garaa to’atamuu komishinichi ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.