Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 44 olitti tilmaamaman to’annaa jala oolan

Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2014 (FBC)- Torbee darbe Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 44 olitti tilmaamaman to’annaa jala ooluu Ministeerri Galiiwwanii beeksiseera.

Meeshaaleen kontirobaandii kunneen biyya keessaa baafamuu fi wayita galfamuuf yaalamaniitti to’annaa jala ooluu ibsameera.

Meeshaaleen kunneen waajjiralee damee gumurakaa Moyaalee fi Aqaaqii Qaallittitti to’annaa jala ooluu ragaan Minsteericharra argamee ni muul’dhisa.

Meeshaalee kontiroobaandii to’annaa jala oolaan keessaa maallaqoota biyya alaa, warqee, meeshaalee warqee baasaan, konkolaattootaa, uffataa garagaraa, kophee, meeshaalee nyaataa, meeshaalee waraanaa, elektirooniksii, meeshaalee faayaa, sigaaraa, baala sammuu nama hadochuu, qorichoonnii fi kanneen biroon keessaatti argamu.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.