Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 513’tti shallagaman to’ataman

Finfinnee, Sadaasa 10, 2015(FBC)- Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 513’tti shallagaman to’atamuu ibsame.

Komishiniin Gumuruukaa hordoffii Sadaasa 2-8, 2015’tti taasiseen, meeshaalee kontiroobaandii alaa galan Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 83.2’tti tilmaamamaniifi meeshaalee al-ergii Birrii miiliyoona 30.1’tti shallagaman dameewwan gumuruuka garaagaraatti to’achuu beeksiseera.

Meeshaaleen kontiroobaandii to’ataman uffata, boba’aa, beelladoota, meeshaalee elektirooniksii, buna, qorichoota, konkolaattota, meeshaalee miidhaginaa, meeshaalee waraanaa, jimaa, baala sammuu namaa hadoochu, zayita nyaataafi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu eerameera.

Meeshaaleen kunneen qindoomina hojjettoota komishinichaa, qaamolee nageenyaa federaalaafi naannolee akkasumas hawaasaan to’atamuu ibsameera.

Namoonni meeshaalee kanneen daddabarsuun shakkaman 21 fi konkolaattonni 17 to’atamuus eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.