Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 84 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Muddee 23, 2014 (FBC) – Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 84 olitti tilmaamamu to’atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksiise.
To’annoo torbee darbe keessa taasiifameen meeshaaleen Kontiroobaandii alaa galuuf ture Birrii miiliyoona 78.4 fi kan gara alaatti ba’uuf ture Birrii miiliyoona 5.9tti tilmaamamu dameewwan gumrukaa garaagaraatti to’atamuu ibseera.
Meeshaaleen kunneen dameewwan Mooyaalee, Dirree Dawaa fi Jigjigaatti hedduminaan kan to’ataman ta’uu himeera.
Uffataaleen, Meedhaaleen Elektirooniksii, Bunni, Qorichaaleen, meeshaaleen faayaa, meeshaaleen waraanaa, Jimaa, baalli sammuu adoochuu fi maallaqoonni biyyoota garaagaraa to’atamuu ragaan Komishinii Gumrukaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.