Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen waraanaa fi rasaasni shakamtoota waliin to’annoo jala ooluu Koomishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksise

Finfinnee, Fulbaana 20, 2013 (FBC) – Meeshaaleen waraanaa fi rasaasni shakamtoota waliin to’annoo jala ooluu Koomishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksise.
Finfinnee Kutaa bulchiinsa Addis Katamaa keessatti meeshaaleen waraanaa seeraan alaa shugguxii 11 fi rasaasaa 250 ol shakkamtoota waliin to’annoo jala oolu koomishiniichi ibse.
Kutaa bulchiinsa Addis Katamaatti waajjirrii poolisii magaalattitti Qorataan Yakkaa fi Balaa Tiraafikaa Komaandar Geetaanah Baqqalaa meeshaaleen waraanaa qabamaan kunneen Sakata’insa tasaa mana lama keessatti gaggeeffameen shuguxiin 11fi rasaasni 258 qabamu himan.
Dabalatanis Shakkamttoonni 3 to’annoo jala oolus himameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.