Fana: At a Speed of Life!

Meeshaan elektirooniiksii ragaa barnoota sobaa adda baasu qophaa’aa jira

Finfinnee, Muddee 21, 2012 (FBC) – Meeshaan elektirooniiksii ragaa barnoota sobaa adda baasu qophaa’aa jiraachun ibsame.

Meeshaan elektirooniiksii diijiitaalaa ragaa barnootaa adda baasu kun walta’iinsa Ministeera Barnootaa fi Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaatin kan qophaa’edha.

Biiron Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya  Namaa Oromiyaa biirolee mootummaa keessatti ragaalee barnoota sobaa saaxiluu fi tarkaanfii fudhachuu irratti tarsiimoo baasee, hojjechaa  akka jiru hogganaan biiricha Dooktar  Biqilaa Hurrisaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Bara 2009 ragaalee barnootatiin walqabatee kenniinsa tajaajilaa fi bulchiinsa gaarii irratti yaaddoo guddaan uumameet ture.

Biirichi eeruuwwan argateenii fi sakattan’iinsa taasiseen ragaawwan barnoota sobaa hedduu adda baasaa tureera jedhan hoggantichi.

Dooktar Biqilaa Hurrisaan yeroo ammaa ragaalee barnootaa sobaatin namoonni kuma 15 ta’an  to’atamuun seeraaf akka dhiyaatan taasifameera jedhan.

Marsaa jalqabaatin namoonni akka of saaxilaniif carraan turtii baatii tokko laatameet ture.

Kanaanis namoonni kuma 6 fi 400 ol ta’an of saaxiluun dhiifamni godhameefii sadarkaa irraa turanirraa qadi bu’anii akka mindeeffaman taasifameera.

Kana boodas adeemsi ragaalee barnootaa qorachuu hojimaata mataa isaa danda’e ta’ee akka itti fufu mootummaan kallattii kaa’uus ibsu Dooktar Biqilaan.

Ministeera Barnootaa jalatti qaamni dhimma ragaalee barnootaa qoratu hundaa’uu isaa kan himan Dooktar Biqilaan, biirichis karaa meeshaalee elektirooniiksii dijiitaalaan dhaabbillee barnootaa waliin walitti dhiyeenyan dhimma ragaa barnootaa qorachuu fi sakatta’uu irraatti akka hojjetu himaniiru jechuun Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.