Fana: At a Speed of Life!

Miidhaa dubartootaa ittisuuf qaamoleen hundi ga’eesaanii ba’achuu qabu- Pir. Saahilawarq Zawdee

Finfinnee, Sadaasa 16, 2015(FBC)- Miidhaa dubartoota irra gahu ittisuuf qaamoleen hundi ga’eesaanii ba’achuu akka qaban Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen dhaaman.

Sagantaan baniinsa duula ittisa miidhaa dubartootaa guyyoota 16’f turu magaalaa Hawaasaatti mata duree “Dubartoota nan kabaja miidhaa irra gahus nan ittisa” jedhuun gaggeeffameera.

Pireezidaant Saahilawarq saganticharratti haasawaa taasisaniin, miidhaa dubartootaa ittisuuf qaamoleen dhimmamtootaa hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Miidhamtootaaf deeggarsa hawaasummaafi xiin-sammuu taasisuun barbaachisaa ta’uu ibsuusaanii ragaan Waajjira Pireezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Pireezidaantii naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddaamoon gamasaaniin, miidhaan dubartootarra gahu kamiyyuu gocha boodatti hafaa ta’uu ibsaniiru.

Miidhaa dubartoota irra gahu ittisuuf mootummaan naannichaa hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.