Fana: At a Speed of Life!

Miidiyaaleen hojiilee misoomaa jalqabaman akkaataa itti fufsiisuun danda’amu irratti hojjechuu qabu- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Miidiyaaleen hojiilee misoomaa jalqabaman akkaataa itti fufsiisuun danda’amu irratti hojjechuu akka qaban Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dhaaman.

Leenjiin Ogeeyyii Miidiyaa fi Kominikeetarootaaf dhimmoota garaagaraarratti torban tokkoof Magaalaa Adaamaatti kennamaa ture xumurameera.

Xumura Leenjichaarratti Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamuun kallattii hojii kaa’aniiru.

Miidiyaan hojiilee misoomaa jalqabaman akkaataa itti fufsiisuun danda’amu irratti hojjechuu keessatti ga’ee olaanaa qabachuu ibsuu OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.