Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi  Ministeera Barnoota Dhaabbilee Olaanoo, Saayinsiifi Teekinooloojii Sudaan Kibbaa waliin waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Sadaasa 21,2015 (FBC)- Ministeerri Barnootaa Ministeera Barnoota Dhaabbilee Olaanoo, Saayinsiifi Teekinooloojii Sudaan Kibbaa waliin waliigaltee tumsaa mallatteesse.

Waliigaltichi dhimmoota barnootaarratti waliin hojjechuu kan isaan dandeessisu ta’uu ibsameera.

Waliigaltichi carraa barnootaa bilisaa Ityoophiyaan Sudaan Kibbaaf kennitu kan guddisu ta’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan ibsaniiru.

Tumsaa barnootaa biyyoota lameen gidduu ture daran kan cimsu ta’uus dubbataniiru.

Ministirri Ministeera Barnoota Dhaabbilee Olaanoo, Saayinsiifi Teekinooloojii Sudaan Kibbaa Gabri’eel Chaangisan gamasaaniin, waliigaltichi tumsa biyyoonni lameen damee barnootaan qaban gara sadarkaa olaanaa kan guddisu ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis Piroofeesar Birhaanuu Naggaan Hawaasa Ityoophiyaa Sudaan waliin mari’achuufi kitaabilee deeggarsa barnootaa kutaa 7ffaafi 8ffaa kuma 6 hawaasichaan taasifame hawaasicha harkaa fuudhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.