Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi naannolee fi bulchiinsa magaalootaaf Ambuulaasoota marsaa sadiin rabse

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2012 (FBC) – Ministeerri Fayyaa kenniinsa tajaajila fayyaa fi tattaaffii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasifamu milkeessuuf bara kana marsaa 3 naannolee fi bulchiinsa magaalotaf Ambuulaansoota rabsuu beeksise.
 
Ambuulaansoonni kunneen %50 Biiroo Eeggumsaa Fayyaa naannolee fi %50 ammoo buusii Ministeera Fayyaan kan bitaman ta’uu ibsameera.
 
Ministeerich haqa qabeessummaa rabsaa mirkaneessuuf sadarkaa idila addunyaa yaada keessa galchuun bittaa raawwachuun naannolee fi bulchiinsa magaalotaaf rabsuu eerrameera.
 
Haaluma kanaan:-
1. Naannoo Oromiyaaf 773
2. Naannoo Amaaraaf 707
3. Naannoo Uummattoota Kibbaaf 512
4. Naannoo Tigraayiif 252
5. Naannoo Somaaleef 174
6. Naannoo Afaariif 66
7. Naannoo Gaambeellaaf 33
8. Naannoo Beeniishaanguul Guumziif 64
9. Naannoo Harariif 11
10. Bulchiinsa magaalaa Finfinneef 100
11. Bulchiinsa magaalaa Dirree Daawaaf 32 rabsuu ministeerich ifoomseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.