Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi sooftiweeriiwwan tajaajila magaalota ariifachiisan ifoomse

Finfinnee, Fulbaana 12, 2014 (FBC) –Ministeerri Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii sooftiweeriiwwan tajaajila magaalota ariifachiisanii fi uwwisa tajaajilaa dabalan ifoomseera.
Sooftiweeriiwwan kunneen bakka Ministirri Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii Injinar Ayishaa Mahaammad fi Ministir Deettawwan akkasumas hoggantoonni olaanoon magaalota naannoolee argamanitti ifoomeera.
Sooftiweeriiwwan beeksifaman kunneen lakkoofsaan afur yoo ta’an, gaffiiwwan bulchiinsa gaariin walqabatee hawaasni kaasaa ture hambisuuf kan qooda olaanaa qabaachuu ibsameera.
Ministeerichi sooftiweeriiwwan kanneen magaalonni naannolee hojiirra akka oolchan har’a ifatti jalqabssiseera.
Sooftiweeriiwwan kunneen sooftiweerii madaallii raawwii karoora magaalotaa, sooftiweerii galmeessa duudhaa Konistraakshinii, Sooftiweerii galmeessa ragaalee manneen magaalotaa fi sooftiweerii waraqaa maleessaa fi waljijjiirraa odeeffannoo waajjiraalee ta’uu ibsameera.
Sooftiweeriiwwan kunneen haalaan hojiirra yoo oolan kenniinsa tajaajila magaalotaa ni ammayyeessu jedhamee kan amanamu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.