Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi sosochii Itiyoophiyaa Qulqulluuf Birrii Miiliyoona 14 walitti qabuu ibse

Finfinnee, Caamsaa 15, 2016 (FBC) – Ministeerri Dhimma Alaa Sosochii Itiyoophiyaa Qulquluu mata duree “Daandii qulqulluu Jireenyaa Fayyaa “jedhuun Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ifoomsaniif Birrii miiliyoona 14 walitti qabuu beeksiseera.
Dubbii Himaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Nabiyyuu Tadlaan ibsa torbee miidiyaaleef kennaniiru.
Ministeerichi sosochii Itiyoophiyaa Qulqulluuf Birrii miiliyoona 20 walitti qabuuf karoorsee Birrii miiliyoona 14 walitti qabuu ibsaniiru.
Akkasumas Diyaaspoorawwan Emmireetoota Arabaa Gamtoomanii fi Ameerikaa jiraatan baasii Birrii miiliyoona 22.1’n manneen Fincaanii moodeela ta’an15 ijaarsisuuf waadaa galuu dubbataniiru.
Ambaasaaddar Nabiiyyuun ibsa biraan dhimmaa godaantoota Saa’ud Arabiyaarra deebisuuf hojii hojjetamaa jiranis kaasaniiru.
Haaluma kanaan hanga ammaatti lammiileen kumni 27 ol gara biyyaatti deebi’uu ibsuun, baatii Afur keessatti lammiilee kuma 70 deebisuuf karoora qabame hanga ammatti %35 milkaa’uu ibsaniiru.
Dabalataan tibbana Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen Ambaasaaddaroota 24’f muudama kennuu eeraniiru.
Gama Dippiloomaasiin Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon, Hoogaantoota olaanoo fi miseensa Paarlaama waliin ta’uun Magaalaa Guddoo Taanzaaniyaa Doddommaatti Ijaarsa Embaasii Itiyoophiyaaf dhagaa bu’uuraa kaa’uu himuu isaanii ragaan Ministeerichaarraa argame ni
mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.