Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Barnootaa mootummaan Siwiidiin ijaarsa manneen barnootaa barbadaa’anii akka deggaru gaafate

Finfinnee, Amajjii 18, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Barnootaa Proofeesar Biraanuu Naggaan mootummaan Siwiidiin ijaarsa manneen barnootaa barbadaa’anii akka deggaru gaafatan.

Proofeesar Biraanuun Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Siwiidiin Haans Heenriik waliin dhimma ijaarsa manneen barnootaa barbadaa’anii deebisanii ijaaruurratti mari’achuu ibsameera.

Kanaan dura mootummaan Siwiidiin Ityoophiyaatti manneen barnootaa qulqullina qaban hedduu ijaarsisuu Proofeesar Biraanuun yaadachiisaniiru.

Manneen barnootaa garee shororkeessaa ABUTiin barbadaa’an haala qulqullina qabuun ijaaruuf tattaaffii mootummaan Ityoophiyaa taasisaa jiru deeggaruuf mootummaan Siwiidiin xiyyeeffannoo akka laatu waamicha dhiyyeessuu eerameera.

Ambaasaaddarri Siwiidiin Haans Heenriik gamasaaniin, biyyisaanii dhaabbilee barnootaa haala qulqullina qabuun deebistee ijaaruuf fuulduratti deebii kan laattu ta’uu ibsuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.