Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Iinarjii fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti komiishinii diinagdee Afrikaa waliin proojakti hojirra oolu ifoomsan

Finfinnee, Hagayyaa 7, 2012 (FBC) – Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Iinarjii fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti komiishinii diinagdee Afrikaa waliin proojakti hojirra oolu ifoomsan.

Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Iinarjii fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti komishinii diinagdee Afrikaa proojaktoota sululoota Gudar ,Mogor fi Jamaa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 3.6 misoomsu ifoomse.

Proojekticha Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa fi dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti barreessaa olaanaa komiishinii diinagdee Afrikaa Dooktar Veeraa Soongeetu waliin mallatteessaniiru.

Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa hasaawa tasisaniin, sagantaa Ashaaraa magarisaan jijjiirramaa qabeenya qilleensa , galtee misooma bara 2013 milkeessuuf, hojii uumuu fi oomishtummaa dabaluu, kanneen biroof ni gargaaraa jedhan.

Proojaktichi sululoota Gudar, Jamaa fi Mogar misoomsu ta’uus himaniiru.

Dhaabbata mootummota gamtoomaniitti komiishinii diinagdee Afrikaa ministeerichaa waliin proojaktiicha kan ifoomsan yoo ta’u,sagantaa Ashaaraa magarisaaf ni deeggara jedhaniiru.

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti barreessaa olaanaa komiishinii Diinagdee Afrikaa Dooktar Veeraa Soongeetu, proojaktichi caarraa hojii uumuu dargaggootaaf akkasumas jiraattootafi dubartootaaf filannoo uumuuf jiruu fi jireenya isaanii akka foyyeefataniif ni gargaraa jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.