Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Bishaanii fi Inarjii hoggantoota Biiroo naannolee hundaa waliin marii gaggeessaa jira

Finfinnee, Amajjii 3, (FBC) – Ministeerri Bishaanii fi Inarjii hoggantootaa fi ogeeyyii Biiroo naannolee hundaa waliin marii gaggeessaa jira.
Imaammata Inarjii Ityoophiyaarratti mari’achaa jiraachuu ibsameera.
Anniisaa haaromsaa waliin walqabatee maaltu hojjetamuu akka qabuu fi yaada qaamolee kanneenirraa dhiyaatu Imaamaatichaaf galtee taasiisuuf marii gaggeeffamu ta’uu himameera.
Hojiilee damichaan hojjetamanii fi qormaatilee muudatan irratti mariin ni gaggeeffama jedhameera.
Ityoophiyaa fi hawaasa biyyattii fayyaduuf anniisaa damichaan jiru babal’isuun murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittifaan ibsaniiru.
Fatiyaa Abdallaatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.