Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Bishaanii fi Inarjii hojimaata tajaajila bishaan magaalota 20 ammayyeessuuf waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Caamsaa 17, 2014 (FBC) – Ministeerri Bishaanii fi Inarjii tajaajilawwan bishaan magaalota 20 keessatti sirna bulchiinsa odeeffannoo ammayyeessuuf Dhaabbilee Daaf Teek Soshiyaal ICT, Intaapiis Konseeltaansii fi Yaayoobee Sooliishiin waliin waliigaltee mallatteesseera.
Ministeera Bishaanii fi Inarjiitti Ministir Deetaan Damee Bishaanii fi Saaniteeshinii Ambaasaaddar Asfaaw Dingaamoo dhaabbilee kunneen waliin mallatteessaniiru.
Waliigaltichi magaalota 20 keessatti lakkooftuu bishaanii, haala walitti qabiinsa galii, bulchiinsa liqaa, haala simannaa maamilootaa, qabiinsa herreegaa fi fayyadama humna namaa karaa ammayyaa’aa ta’een hojjechuuf kan dandeessisu ta’uus himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.