Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Dhimmaa Alaa hojiiwwan diippiloomaasii tibbana hojjetamaa turan irratti midiyaalee biyya keessaa fi biyya alaatiif ibsa kenne

Finfinnee, Sadaasa 25, 2013 (FBC) – Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa fi Daayrektarri Jeneeraalaa Pabliik Dippiloomaasii Ambaasaadar Diinaa Muuftii, hojii diippiloomaasii gama diinagdee fi lammileen tibbana hojjetamu himan.
Ministeerri Dhimmaa Alaa hojiiwwan diippiloomaasii tibbana hojjetamaa turan irratti midiyaalee biyya keessaa fi biyya alaatiif ibsa kenneera.
Ibsicha kan kennan Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa fi Daayrektarri Jeneeraalaa Pabliik Dippiloomaasii Ambaasaadar Diinaa Muuftii, hojii diippiloomaasii gama diinagdee fi lammileen tibbana hojjetamu himan.
Dhimmi Olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Kaabaa biyyattii ilaalchisee hawaasni addunyaa hubannoo gahaa akka argatu gochuurratti biyyoota Awurooppaa 5 fi biyyoota Afriikaa 4 qaamaan argamuu fi karaa weebnaariitiin marii taasifameen bu’aa gaariin argamuu himan Ambaassadar Diinaan.
Opireeshiniin olaantummaa seeraa kabachisuu karaa hawaasa siviilii fi misoomaawwan bu’uuraarratti miidhaa olaanaa osoo hin dhaqqabsiisiin xumuramuu ilaalchisee biyyoota Raashiyaa, Deenmaark, Awustriyaa fi Niizarlaand waliin karaa bilbilaatiin mari’atamu fi hubannoo akka argatan taasifameera jedhan.
Walgahii “excutive councel” Afriikaa irrattiis Ityoophiyaan hirmaachuu ishee; ajandaawwan qaxanaa daldalaa bilisa ta’e cimsuu fi bara Faranjoota 2020tti sagalee qawweerraa bilisa gochuu jedhan milkeessuuf Itoophiyaan fedhii qabaachuu ishii milkaa’ina isaatiif kan tumsitu ta’uu karaa Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makoonniin ibsamuu himaniru.
Gama diippiloomaasii diinagdee fi lammileetiin, abbootiin qabeenyaa fi kaampaanoonni gurguddoo biyyoota Indoonezyiyaa fi Beeljiyam, Itoophiyaatti dhufuun hojii invastimantiirratti akka hirmaatanif mari’atamus himaniru.
Hojiin buna Ityoophiyaa beeksisuu Biraaziliitti hojjetamuus himaniiru.
Lammiileen Ityoophiyaa 325 Saawuudi Arabiyaa irraa gara biyyaatti akka galan taasifamuus himaniru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.