Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Fayyaa fi Komishiniin carraa hojii uumuu waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Eebila 14, 2013 (FBC) – Ministeerri Fayyaa fi Komishiniin Carraa Hojii Uumuu waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessaniiru.
Waliigaltichi ogeeyyii fayyaa ga’umsa qaban dhiyeessuu fi hojii barbaaddoota ogeeyyii fayyaa qaxartoota waliin haala ammayaan walitti fiduuf kan dandeessisu ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
Dhaabbileen kunneen ogeeyyii fayyaa dhaabbilee olaanoorraa eebbifamaniif carraa hojii mijeessuu, tajaajila Intarpiraayizii fayyaa akka hundeessan jajjabeessuu, damichaan kalaqa babal’isuu fi carraa ala jiran beeksiisuuf waloon hojjechuuf waliigalaniiru jedhame.
Komishiniin Carraa Hojii Uumuu Federaalaa dhaabbilee garaagaraa waliin qindoominaan hejjechaa jiraachuu ibseera.
Fedhii fi dhiyeessii gabaarra jiru wal simsiisuuf Komishinichi tumsa damee fayyaa waliin eegalee bu’aa qabeessa taasiisuuf deeggarsaa fi tumsa barbaachisu taasiisuuf qophii ta’uu Komishinarri Komishinii Carraa Hojii Uumuu Federaalaa obbo Nugusuu Xilahuun ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.