Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Maallaqaa fi Baankiin Addunyaa waliigaltee deeggarsaa Doolaara miiliyoona 300 waliif mallatteessan

Finfinnee, Caamsaa 8, 2014 (FBC) – Bankiin Addunyaa Ityoophiyaatti bakkeewwan waraanaan miidhaman deebisanii dhaabuuf kan oolu deeggarsa Doolaara miiliyoona 300 taasisuuf Ministeera Maallaqaa waliin waliigaltee mallatteessuu ibsame.

Waliigalticha Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee fi Baankichatti Daayrektarri Afrikaa Bahaa Osmaan Diyoon mallatteessaniiru.

Waliigaltichi naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Afaar, Tigraay fi Beenishaangul Gumuzitti bakkeewwan waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.

Deeggarsichi aanaalee waraanaan miidhamanitti bu’uuraalee misooma fayyaa, barnootaa fi bishaanii diriirsuuf akkasumas dubartoota miidhaa koorniyaaf saaxilaman deeggaruuf kan oolu ta’uu eerameera.

Mootummaan federaalaa iddoowwan waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruuf bara baajataa kanatti Birrii biiliyoona 5 ramaduu fi bara baajataa itti aanuuf ammoo Birrii biiliyoona 20 ramaduu obbo Ahimad Shiideen eeraniiru.

Deeggarsi baankichi hojii deebisanii dhaabuuf taasise miidhaa qaqqabeen walbira qabamee yeroo ilaalamu olaanaa ta’uu baatus deebii ariifachiisaa kennuuf garuu ga’ee olaanaa qabaachuu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.