Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Nageenyaa fi Waldaaleen Siiviikii tumsaan hojjechuufi

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2012 (FBC) –Ministeerri Nageenyaa fi Waldaaleen Siiviikii tumsaan hojjechuufi.
 
Tumsaan hojjechuudhafis waliigalteen qophaa’era.
 
Waliigaltee qophaa’errattis qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mariin gaggeeffameera.
 
Waliigalteen qophaa’e nageenya, walitti bu’iinsa furuu, filannoo fi demokraasiirratti Waldaalee Siiviikii waliin tumsaan hojjechuu kan dandeessisu jedhameera.
 
Ministir deettaan Ministeera Nageenyaa aadde Fire’aalam Shibaabbaaw mootummaan ejjennoo waldaalee siiviikiirratti qabu geeddaruusaa ibsaniiru.
 
Mootummaan waldaalee siiviikii waliin tumsaan hojjechuu barbaadas jedhaniiru.
 
Waliin hojjechuufis ulaagaaleen tumsaa 10 kaa’amaniiru.
 
Mirga namoomaa, ijaarsa demokraasii, mirga daa’immanii fi dubartootaa, hojiirra oolmaa seeraa xiinxaluu, olaantummaa seeraa kabachiisuu, walitti bu’iinsaa fi furmaata isaarratti hojjechuun isaan muraasa tarreeffamanidha.
 
Waliigaltichi mariidhan booda ragga’ee amma sadarkaa gadiitti hojiirra oolas jedhameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.