Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Pilaanii fi Misooma karoora guyyoota 100 dhaabbilee mootummaarratti mari’ate

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2014 (FBC)- Ministeerri Pilaanii fi Misooma karoora guyyoota 100 yeroo itti aanuu dhaabbilee mootummaarratti mari’ateera.

Waajjirichi marii isaa, karoorri dhaabbilee mootummaa qulqullina kan qabu, bu’a qabeessaa fi  kan waloo akka ta’uuf kan kaayyeeffateedha.

Karoorri kun gamaaggamaa manneen hojii mootummaa federaalaa raawwii hojii guyyoota 100 irratti Muummeen Ministira Abiy Ahimad dhimmoonni sirreeffamuu qaban akka jira akkasumsa dhimmoonni dabalamu qaban akka dabalamaan karoorfamuu himaniiru.

Waltajjichaan Ministir deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa aadde Xirumaar Abaataa, raawwiin karoorichaa milkaa’aa akka ta’uuf mariin akka kana bu’aa olaanaa qaba jechuun himaniiru.

Maricharratti hoggantoonnii fi ogeeyyi manneen hojii federaalaa 22 irratti walitti ba’abbaan hirmaachuu ragaan ministeericharra argamee ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.