Fana: At a Speed of Life!

Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Ayyalaa Tashoomaan Burjeel Meedikaal Siitii daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 21, 2015 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Ayyalaa Tashoomaan Abuu Daabiitti kan argamu dhaabbata yaala Fayyaa Burjeel Meedikaal Siitii daawwataniiru.

Dooktar Ayyaalaan daawwannaa isaaniin hoggantoota dhaabbatichaa waliin haala tumsa isaanii cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Dhaabbata Tajaajila Fayyaa hunda galeessaa laatu kana waliin tumsaan hojjechuuf waliigalamuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Dhaabbanni ‘Burjeel Meedikaal Siitiin’ dhaabbata tajaajila yaala fayyaa damee hundaan laatu dhaabbata guddaa ta’uu isaa ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.