Fana: At a Speed of Life!

Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI aadde Tsiyoon gitasaanii Kuweet waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 20, 2012 (FBC) – Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI aadde Tsiyoon Takluun gitasaanii Kuweet waliin mari’atan.

Aadde Tsiyoon itti aanaa ministira dhimma alaa Kuweetii Kaaliid Al Jaarallaah waliin bilbilaan mari’ataniiru.

Nageenya lammiilee Ityoophiyaa Kuweet jiraatanii fi gara biyyaa deebi’uu kan barbaadan deebisuuf haaldureewwan hojjetamaa jiran irratti mari’ataniiru.

Hariiroo biyyoota isaanii cimsuu, dhimmoota naannoo fi idil addunyaarrattis waliin hojjechuufyaada wal jijjiiraniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.