Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Dhimma Alaa Ingiliiz Doominiik Raabi deeggarsa namoomaa naannoo Kaaba Ityoophiyaatti dhiyaachaa jiru daawwatan

Finfinnee, Amajjii 15, 2013 (FBC ) – Ministirri Dhimma Alaa Ingiliiz Doominiik Raab deeggarsa namoomaa Dhaabbatni Gargaarsaa Biriitaaniyaa naannoo Kaaba Ityoophiyaatti dhiyeessaa jiru daawwataniiru.
Ministirichi Gondaritti kan argamu Dhaabbatni Gargaarsaa Biriitaaniyaa deeggarsa namoomaa Sagantaa Nyaataa Idil Addunyaa fi Shaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Biiroo Qindeessaa Dhimmoota Deeggarsa Namoomaaf Paawundii miiliyoona 10 taasise daawwataniiru.
Wayita kana deeggarsi bakka barbaadame akka ga’uuf ni hojjetamaa jedhaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Ingiliiz Doominiik Raab daawwanaa Keeniyaa fi Sudaanitti taasisan xumuruun guyyaa kaleessaa gara Ityoophiyaa dhufuun isaanii ni yaadatama.
Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee fi itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera dhimma alaa obbo Dammaqaa Makoonnin Ministira Dhimma Alaa Ingiliiz Doominiik Raab waliin hariiroo waloo biyyoota lamaaniirratti mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame milkiin xumuramuu Doominiik Raabiif ibsa taasiisaniiru.
Yeroo ammaatti naannicha deebisanii ijaaruu fi deeggarsa namoomarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu obbo Dammaqaan ibsa taasiisaniiru.
Naannichaatti % 85 dhiyeessin midhaan nyaataa fi qorichaa walga’uu ibsaniiru.
Rakkoo daangaa Ityoo – Sudaaniin walqabatee jiru Ityoophiyaan karaa nagaan furuuf tattaaffii taasiisaa jiraachuu ibsa taasiisaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Ingiliiz Doominiik Raab gama isaaniin hariiroon Ityoophiyaa fi Ingiliiz bara dheeraa kan lakkoofsiise hariiroo cimaa ta’uu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.