Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Obbo Damaqaa Mokonniniif ergaa baga gammadanii dabarsan

Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2014 (FBC)- Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Lavroov Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa FDRI Obbo Damaqaa Mokonniniif ergaa baga gammadanii dabarsaniiru.

Obbo Dammaqaa Mokonnin Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa ta’uun irra deebiin muudamuu isaaniitti gammaduu Sargee Lavroov ibsaniiru.

Hariiroo Ityoophiyaa fi Raashiyaa gama maraan cimsuuf, faayidaa uummata biyyoota lameenii kabachiisuuf qophii ta’uu ergaa isaaniitiin ibsaniiru.

Gaanfa Afrikaatti akkasumas guutummaa ardichaatti tasggabbii buusuu fi nageenya kabachiisuuf waliin ni hojjenna jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.