Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan vaayrasii koroonaa to’achuu yeroo ifoomsiteetti Ministirri Ministeera Fayyaa Ingiliiz vaayrasichaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 2, 2012 (FBC) – Chaayinaan vaayrasii koroonaa to’achuu yeroo ifoomsiteetti Ministirri Ministeera Fayyaa Ingiliiz vaayrasichaan qabamuu ibsame.

Ministirri Eegumsa Fayyaa Ingiliiz Naadiin Dooriis Ingiliizitti namoota vaayrasichaan qabaman 382 keessaa tokko ta’aniiru.

Gama biraan Chaayinaan weerara vaayrasii koroonaa to’achuu ishee beeksiiftee jirti.

Xumura bara Faranjootaa 2019 eegaltee weerara vaayrasii koroonaan sadarkaa olaanaan miidhamaa kan turte Chaayinaan tatamsa’ina isaa to’achuu ishee beeksiifteerti.

Biyyaattiitti waliigala namoota kuma  80 fi 754 dhibichaan qabaman  keessaa namoonni kumni 3 fi 136 du’aniiru.

Lammiileen biyyattii miiliyoonaan lakkaawwaman sosochii kamuu akka hin taasiifne dhorkamanii turaniiru jedhame.

Preezdaantiin biyyatti Shii Jiinpiing guyyaa kaleessaa erga Vaayrasichi muul’atee yeroo jalqabaa magaalaa Wiihaan daawwataniiru.

Daawwannaan kunis biyyattiin dhibicha too’achuu ishee addunyaatti beeksisuuf ture jedhame.

Chaayinaatti guyyaa kaleessa namoonni vaayrasichaan qabaman namoota 19 qofa ta’uu ibsaniiru.

Bulchiinsa Huubeey magaalaa Wiihaanitti vaayrasicha to’achuuf hojii hojjetameen tatamsa’ina isaa to’achuu danda’amuu ibsaniiru.

Guutuu biyyattiitti hospitaaloonni tajaajila yaala dhibichaaf banaman 14 cufamuu isaanii Preezdaant Shii Jiinpiing ibsaniiru.

Oduu biroon Vaayrasiin koroonaa xaaliyaanitti daraan babal’achaa jira jedhame.

Biyyattiitti  guyyaa kaleessaa qofa namoonni 168 vaayrasii koroonaan du’uutu himame.

Waliigala hanga guyyaa har’aatti namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 19 fi 132 yoo qabaman, namoonni kumni 4 fi  284 ammoo du’aniiru jedhame.

Namoonni kumni 65 fi 776 dhibicharraa fayyaniiru.

Maddi:-CNN, BBC  fi Al Jazeera

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.