Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Guyyaa Yaadannoo Iinjifannoo Adwaa 128ffaa sababeeffachuun ergaa Baga Ittiin Isin gahee dabarsaniiru.

Finfinnee, Guraandhala 22, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Guyyaa Yaadannoo Iinjifannoo Adwaa 128ffaa sababeeffachuun ergaa Baga Ittiin Isin gahee dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin abbootiin, Injifannoo Adwaa erga galmeessanii waggoota 128 lakkoofsisuu kaasanii duudhaalee injifannichaan argaman sirnaan akka hinfayyadamne ibsan.

Duudhaalee injifannoo Adwaan argaman afur ijaarsa biyyaaf itti fayyadamuunis dirqama ta’uu akeekaniiru.

Duudhaan jalqabaa tokkummaa sabdaneessaa ta’uu eeruun, kunis bifa qabatamaa Itiyoophiyaa ta’uun duula Adwaarraa haalaa fooyya’een argisiisuu kan dandanyu taateen seenaa baroota keessatti mul’ate akka hinjirre eeran.

Duulli Adwaa, tokkummaa sabdaneessaa yeroo waraanaa fi yeroo injifannoo kan argisiise ta’uu yaadachiisuun, hawaasaa Itiyoophiyaa har’aa beeknuu keessatti, lammiin gara Adwaatti hinduulle akka hinjirre eeraniiru.

Taateen lammataa ammoo injifannoon Adwaa erga galmaa’ee wagga 7ffaatti yeroo jalqabaaf Finfinneetti wayita kabajamu agarsiisicha kan dhiyeessan miseensa waraanaa sabaa fi sablammootaa biyyattiirraa dhufaniin ta’uu ibsaniiru.

Agarsiisaa kanarrattis Itiyoophiyaan biyyaa sabdaneettii ta’uu addabaabaayyitti mul’ateera jedhan.

Tokkummaa sabdaneessaa kabajaa guyyichaarratti mul’ate cichoominaan itti fayyadamuu qabna kan jedhan Dooktar Abiy, Itiyoophiyaa jechuun biyyaa ummatoonni eenyummaa sabdaneessaa qaban keessa jiratan ta’uu himan.

Sabdaneessummaa uumamaan kan argatan yoo ta’u, tokkummaa isaanii ammo hariiroo fi wareegama barootaa dheeraan ijaarrataniiru jedhan.

Itiyoophiyaan ibsituuwwan kanneen lameeniin ala Itiyoophiyaa waan hintaaneef imalaa ishee hundaan mirkaneessaa imaluu qabdi jedhaniiru.

Duudhaan lammaffaan kaayyoo biyyaalessaa olaanaaf jecha fedhiiwwan dhuunfaa fi xixiqqoo dhiisuun barbaachisaa ta’uu ibsan.

Kanneen gara Adwaatti duulan hunduu sirna mootummaa yeroos turetti mufii akka qaban eeruun, dhimmichi dhimmaa biyya yoo itti ta’u, fedhii dhuunfaa isaanii isaanii dhiisuun, fedhii biyyaalessaa olaanaa fi egeree biyyaaf wareegama kaffaluuf duuluu dubbatan.

Har’as fedhiin dhuunfaa Itiyoophiyaa kan dadhabsiisu, salphisuu fi daandiirraa maqsu, kaayyoo olaanaa waliin kan walitti bu’uudha jedhan.

Waraanni kaayyoo naannawaa fi dhuunfaa raawwachuiisuuf ooluu akka hinqabne ibsuun, walfalmuu, waliin mari’achuu, seeraan araaramuu, waldanda’uu fi daandileen bu’aa qabeeyyiin hedduun akka jiran akkeekaniiru.

Itiyoophiyaa badhaate arguu Kaayyoo olaanaa yoo ta’u kaayyoowwan dhuunfaa keenya yoo nu dhukkubellee wareeguu qabna jedhaniiru.

Duudhaa 3ffaan tooftaa waraanaa beekudha akka ta’ee kan kaasan Dooktar Abiy, waraanni injifannoon xumuramus gatii kaffalchiisu qaba.

Duultoonni Adwaa dhibba biyyaa, birmadummaa fi kaayyoo olaanaa ta’eeti malee waraanni filannoo jalqabaa isaanii hin turre.
Minilik 2ffaan waraannichi karaa nagaan akka xumuramu kadhatanis hin taane.

Duulli Adwaas olaantummaa Itiyoophiyaan xumurame.
Duultoonni Itiyoophiyaa injifannoo Adwaarraa kan deebi’an gammachuu qofaan miti.

Gabayyoo Gurmuu dabalatee gootoonni Itiyoophiyaa jajjaboon kaayyoo fi birmadummaa Itiyoophiyaaf jecha wareegamaniiru.
Warri duulaan hundi hin deebine, Raayyaan Itiyoophiyaa injifannoo fi gaddaan deebi’e.

Injifannoon argame qoosan miti, lammii isaanii dhiisii duutii xaaliyaanoollee Itiyoophiyaanoota gaddisiiseera.

Waraanni dirqamnee kaayyoo olaanaaf kan itti seennu filannoo dhumaa malee kan kiisii keenya keessa akka salphaatti argannuu miti jedhan Dooktar Abiy ergaa guyyaa yaadannoo Injifannoo Adwaa waggaa 128ffaa sababeeffachuun dabarsaniin.

Duulli Adwaa injifannoo qofa osoo hin taane miidhaa waraanni qaqqabsiisu nu barsiisee darbeera.

4ffaan Obsa:-Qophii malee sodaa akka hin taane.Xaaliyaanoonni waggoota 3 oliif Itiyoophiyaa dhiibaa turan.Itiyoophiyaannoonni garuu qocholaa isaaniif obsaa turan.

Obsi isaanii humni dhabuurraa kan maddee miti.hanga midhaan gahutti, namni hanga dandamatutti, meeshaan waraanaa bitame hanga qaqqabutti, meeshaa waraanaa bitameen hanga walbaranitti obsaniiru.

Bu’aan obsaas garreen Adwaarratti injifannoo galmeesseera jedhan.
Har’as Itiyoophiyaan ni obsiti.

Dhiibamaa jirutus ni obsiti. Kan obsitus waan hin dandeenyef osoo hin taane caalmaaf qophaa’aa jirti. Kan caalu yoo dhufe injifannoo Adwaa dachaan kan caalu ni dabalti.

Duudhaalee kanneen yeroo hunda yaadachuu, yaadachuun hojiitti hiikuu akka dandeenyu waan nu yaadachiisu nu barbaachisa ture.

Seenaa injifannoo Adwaa kan madaalu, duudhaa isaas kan nu yaadachiis yaadannoo ijaarree barii isaa ayyaana kana kabajna jedhan.

Kunis yaadannoo guyyichaa bara kanaaf miidhaginaa fi kabaja dabaleera.

Har’a haala yaadanicha kabajeen raawwanneera. Haa ta’uutii duudhaalee Adwaa sirnaan fayyadamuun Itiyoophiyaa akka gaarreen Adwaa cichoomte ijaaruun ni hafa.

Kun ammoo murannoo, bilchinaa fi tokkummaa hunda keenyaa gaafata jechuun ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.