Fana: At a Speed of Life!

Mirga dubartoota dhaadannoorra darbe gochaatti hiikuuf hojjechuu qabna –Preezdaant Saahilawarq Zawdee

Finfinnee, Sadaasa 16, 2014 (FBC)- Mirga dubartootaa dhaadannoorra darbe gochaatti hiikuuf hojjechuuf qabna jechuun Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee ibsaniiru.

Preezdaantittin kabaja guyyaa haleellaa farraa koorniyaa sababeeffachuun haasaa taasisaaniin, mirga dubratoota kabachiisuuf guyyoota 365 fi sa’aatii 24 hojjechuu qabna jedhaniiru.

Rakkoowwan barootaa darban hin hiikamnee jaarraa 21ffaatti raawwatamaa jiraachuu ibsuun walqixxummaan, mirgii fi nageenyii dubartootaa qaamolee kabajuu hin dandeenyerratti tarkaanfii fudhatamuu qaba jedhan preezdaantittin.

Ministirri Ministeera dhimma dubartootaa fi hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee gama isaaniin, mata duree ‘haleellaan dubartootaa fi daa’immaan irra gahuu haa dhaabbatuu’ jedhuun Sadaasa 16 hanga 30, 2014tti ilaalchaa hawaasaa jijjiiruuf gochichaa dhaabuuf tattaaffii taasifamuu keessaatti hundi qooda isaa akka ba’atuu himuusaanii ragaan Ministeericharra argame ni muul’dhisa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com

/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.