Fana: At a Speed of Life!

Mirgaa fi nageenya lammiilee biyya alaa hojiif deemanii eegsisuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Guraandhala 3, 2015 (FBC)- Mirgii fi nageenyi lammiilee hojiif biyya alaa deemanii kan eegame fi sirna bobbii hojii teeknooloojiin utubuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerrii Hojii fi Ogummaa ibse.

Ministirri Ministeerichaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil Ityoophiyatti Ambaasaaddara Saa’udii Fahaadii Abaaydaalaahi Alhumaayedaanii waliin mari’ataniiru.

Mariin isaaniis mirgaa fi nageenya lammiilee Ityoophiyaa hojiif gara Saa’ud Arabiyatti imalaanii irratti kan xiyyeeffate ta’uun eerameera.

Saa’ud Arabiyaa dabalatee lammiilee gara biyyaa alaatti ergaman waa’ee biyyaa itti imalanii odeeffannoo gahaa akka qabaatan taasisuurraa darbee, leenjii afaanii fi ogummaa fudhachuu akka qaban eeraniiru.

Bobbii hojiifis humna nama leenji’ee fi gartokkeen leenji’e erguurratti kan xiyyeeffatu ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyatti Ambaasaaddarri Saa’ud Arabiyaa Dooktar Fahaadii Abaaydaalaahi Alhumaayedaanii gama isaaniin, hojmaata bobbii hojii duraanii Saa’ud Arabiyaa fooyyessuun hojjettoota hedduu Ityoophiyaarraa simachuuf qophii xumuruu ibsaniiru.

Hojmaati haaraan Saa’udiin diriirsaa jirtus qacarrii hojjettootaa fi wabii fayyaa dabalatee nageenyummaa isaanii eegsisuudha jedhaniiru.

Sirna bobbii hojiin kan walsimatu, ammayyaa’aa, dhamaatii tajaajilamtootaa fi seeraa alummaa akkaataa hir’isuun dhiyeenyatti hojiirra akka oolu qindoominaan akka raawwatamu maricharratti kaasuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.