Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni garee shororkeessaa ABUT haalaan barbaaddamaa turan Jiibuutiitti to’atamuun Finfinnee galan

Finfinnee, Caamsaa 23, 2013 (FBC) – Miseensonni garee shororkeessaa ABUT haalaan barbaaddamaa turan Jiibuutiitti to’atamuun har’a Finfinnee galuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksiise.

Namoonni kunneen biyyaattii naannoo Shororkaa taasiisuuf kanneen socho’aa turan ta’uu komishinichi ibseera.

Miseensota garee ABUT raayyaa ittisaarratti haleellaa raawwachuun gara Jiibuutiitti baqan keessaa 1.Haabtoom Gabrasillaasee, 2.Massalee Taammanaa Isheetuu fi Koloneel Mahaammad Barrihuu Nuur Jiibuutiitti to’atamuun galgala har’aa Finfinnee galaniiru.

Namoonni kunneen yakkaan shakkamuun mootummaa Jiibuutiin to’annoo jala ooluu isaanii komishinichi beeksiiseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.