Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Kaabinee Magaalaa Finfinnee hoggantoota koomishinii marii biyyaalessaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 27, 2014 (FBC) – Miseensonni Kaabinee Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee hoggantoota Koomishinii Marii Biyyaalessaa waliin mari’ataniiru.

Marichaanis fuulduratti magaalattitti hojiilee hojjetamanii fi gahee qaamolee tokko tokkoorratti mari’ataniiru.

Kantiibaan Magaala Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, mariin biyyaalessaa hawaasa magaalattii giddugaleeffatee fi kutaalee hawaasa magaalattii hunda akka ibsutti akka gaggeeffamuuf bulchiinsi magaalichaa deeggarsaa barbaachisaa kan taasisuudha jedhaniiru.

Haaluma kanaan Koomishinii Marii Biyyaalessaarraa abdii fi amantaa akka qaban eeruun, daandii qajeelaan mari’annaan ummata Ityoophiyaa waliigalteerraa ga’uun gara tokkummaatti fiduu dandeessisa jedhaniiru.

Koomishinarri Olaanaa Koomishinii Marii Biyyaalessaa Pirofeesar Masfiin Ara’ayaa, koomishinichi ajandaawwan hawaasarraa fudhachuun akka irratti mari’atamu haala mijeessuu fi waliigaltee waloo fiduuf akka ta’e ibsaniiru.

Itti Aantuun Koomishinaraa Aadde Hiruut Gabirasillaasee, koomishiniin marii biyyaalessaa yaadota, waldhabdeewwan fi duudhaaleen laafuu harkiftanii har’a ga’an ni furamu jechuu isaanii ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Dhaabbileen bulchiinsa magaalichaa ergama koomishinichaa milkeessuuf bu’aa bayii tokko malee deeggarsa barbaachisaa hunda akka kennan Aadde Adaanech kallattii kennaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.