Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Argisiisa Qonnaa daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 10, 2015 (FBC)- Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Argisiisa Qonnaa Mata Duree “Mana yaaliirraa gara facaasaa” jedhuun Gola Hambaa Saayinsiitti qophaa’e daawwataniiru.

Miseensonni kunneen utubaa diinagdee biyyattii kan ta’e damee qonnaa ammayyeessuu fi jireenya qonnaan bultootaa fooyyessuuf hojilee bal’aa Ministeerri Qonnaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu ibsaniiru.

Argisiisichi hanga xumura baatii Caamsaa kanaatti kan turu yoo ta’u, damee qonnaaf kan oolan teeknooloojiiwwan garaagaraa 70 ol argisiisaaf dhiyaataniiru.

Argisiisa Gola Hambaan Saayinsiitti qophaa’e kana Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Ebla 30, 2015 banuun ni yaadatama.
Mintasinoot Mulugeetaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.