Fana: At a Speed of Life!

Misooma Koriidariif manneen kuma 5 ol kaafamaniiru-Aadde Adaanech

Finfinnee, Ebla 18, 2016 (FBC)- Misooma Koriidarii fi magariisaaf manneen kuma 5 fi 135 ol kaafamuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abebeen gabaasa raawwii pirojekti misooma Kooriidarii Mana Maree Bulchiinsa magaalichaaf dhiyeessaniiru.
Gabaasa isaaniin misooma kooriidariif manneen kuma 5 fi 135 kaafamuu eeruun kanneen keessaa hanga ammatti kaafamtoota misooma kuma 4 ‘f mannii fi lafti bakka bu’iinsaa kennamuu dubbataniiru.
Kaafamtoota misooma qabiyyee dhuunfaa 307 ‘f beenyaan Birrii biiliyoona 2.8 kan ragga’ee yoo ta’u, hanga ammaattis beenyaan Birrii biliyoona 1.5 kaffalamuu ibsaniiru.
Akkasumas suuqiiwwan daldalaa kuma 1 fi 117 ‘f lafti heektarri 30 kennamuu Aadde Adaanech ibsaniiru.
Misooma kooriidariin namoota kuma 1fi 485 carraan hojii dhaabbiin, namoota kuma 13’f immoo yeroof uumamuu ibsaniiru.
Misoomni kooriidarii guutummaatti wayita xumuramu carraan hojii uumuu %52 akka guddatu himan.
Qaamolee misooma kooriidarii guufachiisanirratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuus dubbataniiru.
Kantiibaa Adaanech Abeebeen qaamolee misoomichaaf deeggarsaa gama hundaa taasisaa jiran galateeffataniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.