Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad balaa lolaa Afrikaa Kibbaatti qaqqabeen gaddi itti dhaga’amuu ibsan

Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad  balaa lolaa Afrikaa Kibbaatti muudateen miidhaa cimaa lubbuu namaa fi qabeenyarra ga’eef gaddi itti dhaga’amuu ibsaniiru.

Roobni cimaan biyyattii magaalaa Darbaanitti robe balaa lolaa qaqqabsiiseera.

Balaa kanaan lubbuun namoota dhibba 3 olii darbuu anga’oonni biyyattii ibsaniiru.

Dabalataanis balichi bu’uuraalee misoomaa irratti miidhaa qaqqabsiiseera.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Preezdaantii biyyattii Riil Raamaafoozaa fi lammiilee biyyattii balichaan miidhamaniin Ityoophiyaan yeroo rakkoo kanatti isaan cinaa kan dhaabbattu ta’uu mirkaneessaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.