Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad balalliin gara Tigraayitti taasiifamu akka saffisu qajeelfama laatan – Ambaasaaddar Reedwaan Huseen

Finfinnee, Amajjii 26, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad balalliin gara naannoo Tigraayitti taasiifamuu fi tajaajiloonni biroo akka saffisan qajeelfama laachuu Gorsaan Nageenyaa Biyyaalessaa Muummee Ministiraa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsan.

Lakkoofsi balallii akka dabalu, tajaajilli baankii fi kanneen biroo jireenya lammiilee fooyyeessan saffisuu akka qaban Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad qajeelfama laachuu Ambaasaaddar Reedwaan Huseen fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Koreen waliigaltee nageenyaa mootummaa Federaalaa fi ABUT yeroo jalqabaaf bakka Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad argamanitti guyyaa har’aa Keellaa Halaalaatti raawwii hojii gamaaggameera.

Dhimmoota yeroo itti aanaan xiyyeeffannoo barbaadanirratti kallattii kaa’eera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.