Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad gaaffiilee dameewwan garaagarratti ka’aniif deebii laataniiru

Finfinnee, Sadaasa 6, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad gaaffilee dameewwan garaagaraarratti miseensota Mana Maree bakka bu’oota ummataarraa ka’aniif deebii laataniiru.

Damee Jallisiin

-Ministeerri Jallisii fi naannawaa Gammoojjii erga hundaa’ee hojiilee hedduun naannoo Oromiyaa, Somaalee, Afaar, Amaaraa, Kibbaa fi Sidaamaatti hojjetamaa jiru.

-Bara darbe keessa qofa hojiileen raawwataman waggoottan 10 darban keessa hin hojjetamne.

Damee Invastmantiin

-Ityoophiyaan Bahaa afrikaatti buufata invastimantii alaati.

– Guddinni Damichaa %4 ol ga’eera.

-Invastimantiif dhiyeessii lafaa, hojmaata saffisaa fi liqii dhiyeessuu ilaalchisee mootummaan waan sirreesuu qabuu hedduutu jira.

-Ityoophiyaa keessatti lafti kan faddaaltootaa fi hattootaa ta’eera. kan mootummaa fi ummataa miti. Kana sirreessuun bu’uurarraa barbaachisaadha.

– Gama invastarootaan rakkoolee kan jiran yoo ta’u sheediiwwan paarkiiwwan indaastirii keessatti ijaaramanii qophaa’an utuu jiranii lafaa dhuunfaa bitachuuf fedhii argisiisuun kan jiruudha.

-Hojiidhabdumaa ilaalchisee lammiilee miiliyoona 3 hojii qabiisuuf karoorfameera.

– Ministeerri Hojii fi Ogummaa hojii fi hojjetaa walitti fiduuf xiyyeeffannoon hojjetaa jira.

-Hojii kan uumamu malee akka mi’a badee kan barbaaddamu akka hin taane hubatamuu qaba.

Damee Turizimiin

-Turiizimiin damee tajaajilaa keessaa damee diinagdeen adda durummaan guddachaa deemuudha.

– Aadaa, seenaa fi qabeenyaa uumamaa heddu qabana waan ta’eef ijaarsaa barbaachisa.

-Dameewwan hojiilee tuuriizmiif barbaachisaan kan hanga ammaa hojjetamaa jiraan abdii qabeessa.

– Finfinneen magaalaa keessaa darban utuu hintaane bakka boqonnaa akka taatuuf ittanaa kantiibaa taanee hojjechaa jirra.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.