Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad Muummee Ministiraa Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 29, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimadfi jillisaanii Muummee Ministiraa Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin,  tumsa biyyoota lameeniifi dhimmoota garaagaraarratti mari’achuu ragaan waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimadiifi Muummeen Ministiraa Joorjiyaa Meelooniin waliigaltee tumsaa Ityoophiyaafi Xaaliyaanii 2023-2025 Yuuroo miiliyoona 180 mallatteessaniiru.

Waliigaltichi misooma diinagdeen keessumaa dameewwan qonnaafi indaastirii akkasumas dhiyeessii tajaajila bu’uuraa fayyaafi barnootaaf kan oolu ta’uu eerameera.

Waliigaltichi sagantaa fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaafi karoora misooma waggoota kudhanii itti fufsiisuuf kan taasifamu ta’uu ibsameera.

Muummeen Ministirootaa lameen tumsa isaanii daran cimsuuf kutannoo qaban ibsuun ibsa waloo kennuun walga’iisaanii xumuruu eerameera.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.